Ads

Jaalala dhugaa jechuun maali?

 



JAALALA DHUGAA JECHUUN...


Bareedina barbaaduu miti


Faayidaa barbaaduu miti.


Ejjaa (fedhii foonii) barbaaduu miti.


Yeroo fayyaa qabaniif yeroo gammachuu qofa wal haammachuu miti.


Waan jaallatamteef jaallachuu miti.


Namnumti wal jaallataaf jaallachu miti.


Waan sibiteef atis guyyaa eegdee liqii deebisuu miti.


Bifa nama sanaa ilaaluu miti.


Qabeenya boru badu ilaaluu miti.


Jaalala dhugaa jechuun:


Waan hundarraa qulqulluu kan ta'e.


Fakkeessu osoo hin taane dhugaa.


Dhugaa jaalalaatiif jecha hiyyeessa jaallachuu bor wajjin horatu.


Yeroo gaddaa, gammachuu ,rakkinaa wal bira dhaabbachuu.


Kan ofiif hin arganne nama sanaaf hawwuu.


Obboleessa keetiif dabarsitee lubbuu kee kennuu.


Rakkinni har'a obboleessa ke(jaalallee) irra ga'e bor akka sirra gu beekte har'a rakkina isaa hirmaachuu.


Nama jaallatteef kabaja, iftoomina kennuu dha.


Kana hunda cabsitee jaalalatti deemta taanaan jaalalichi hundee hin qabu bor buqqa'a.




Post a Comment

1 Comments