Ads

Sirna Gadaa Oromoo - Oromo Gadaa System

Sirni Gadaa sirna ittiin bulmaataa Oromoo ti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u sirna bulchiinsaa dimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta'uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru.


Sadarkaa Gadaa

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaan gadiitti keenya.


  • Dabballooma (waggaa 0-8)
  • Gaammoma (waggaa 9- 16)
  • Dargaggooma (waggaa 17- 24)
  • Kuusoma (waggaa 25- 32)
  • Raaboma (waggaa 33 - 40)
  • Gadooma (waggaa 41- 48)
  • Yubooma (waggaa 49- 56)

Dabballee (Ganna 0-8)

Dabballeen sadarkaan daa'immaaniiti, da'imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Rifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana hulluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fkn:- Jaldeessoo, Qamalee fi kkf). Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta'an gosatu aannan kennaf. Wa'ee safuu bu'uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diina addaan baasuu baratu. Galgala galgala himtee (myth), tapha hiibboo fi seenaa akaakayyuu fi abbaabileetuu itti himama.


Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) (Ganna 8-16)

Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamee, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga godhameefii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce'a. Kana jechaan Hammachiifamee maqaan baafama. Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seenan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabbii tiksuu, bishaan daakuu, fardaan gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda sanyii yoo xinnaate amma mana kudha-tokkoo beekuu qabu. Hojii tiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii akkasumas warri durbaa hojii jirbii foo'uu baratu. Wa'ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa baratu. Ayyaana ijoollee ykn guyyaa kabaja ijoollee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijoolleen bixxillee nyaataa, farsoo dhugaa, sirbaa gammachuudhaan dabarsu. Yeroo gaammee haaddatan goromsi tokko dhuunfaatti ni kennamaaf. Karaa uumaatiin waggaa 16tti ijoolleen areeda fi guntuta baasu, sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatamummaan isaanis ni jijjiirama jechaadha.


Foollee (Gaammee Guguddaa) (Ganna 16-24)

Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba'uudhaan gara sadarkaa Foolleetti ce'u. Godoon Ukee erga ijaaramee booda isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta'an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaan calqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa booroo keessaan baha. Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenya keessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhaan harkaa baha, ukee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukee kun yeroo gannaa rawwatama.


Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu) akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemuudhaan sirbaa, foolisaa sabaan wal baru. Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaatti wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa jallate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta'e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seera malee nama hin sodaatu, waan jedhuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa (seera tolchuu irrati jabaa yoo ta'e) ykn ni abaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hin adabamu. Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargaggoonni sirritti biyyas walis baru (hiriyumaadhaan wajjiin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakootti Foollee gidduuttis walmorkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti adamoo kkf.) qofaadha. Yeroo isaanii isa irra caalaa waan wajjiin dabarsaniif sirriitti wal beeku. Dur Foolleen yeroo ajjeesu hin gaafatamu, du'us gumaa seeraan hin qabu jedhama.


Qondaala (Kuusaa) (Ganna 24-32)

Dursee galmi (masari) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganuutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta'e erga dhaabatanii booda sirba Xunnee (kan umurii isaanii) fi sirba ce'umsaa Mokkee jedhamu sirbu. Abbootiin ijoolee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keesa kan jiran), bakka faajjiin isaanii itti dhaabbatte irraa jalqabuudhan sirba Mokkeetiin haadha manaa ofii (haadha ijoolee kuusaa) faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi'eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi'u. Baala mi'eessaa karratti suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makanii gabatee guutuu dhiyeessu. Abbootiin ijoollee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoollee ofii laaffisanii irraa erga haadanii booda morma irratti callee godhuuf. Kanati aansee saani elmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjiin torban lamaaf bakka tokkotti ulma galu. Haadhonni isaanii achitti Galaa aannan fiduuf. Garuu ijoolleedhaan wal hin argan. Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta'in maqaa gosa ofiitti waamuu. Torban lama booda wayyaa aadaa uffatanii Liichoo bokkuu xiqqoon itti hidhame qabatanii galma ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama. Ayyaanni kun boorana keessatti Ayyaana Godiyyaa jedhama. Jarreen kun Foollee sirbaa horii sabni kennuuf qalachaa nyaachaa, bineensaa fi diina adamsaa bara saddeetif wal-faana turu.


Raabaa (Raabaa Doorii) (Ganna 32-40)

Ce'umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa iraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du'anii fi kan dadhaboo ta'an bakka buufatamu malee akkuma jiruti itti-fufu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhaan beekamu Itti gaafatamummaan isaanii inni duraa waraana hoogganuu yoo ta'u yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi Seenaa adda addaa baratu. Torban tokkoof jaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjiin ardaa-jilaatti ulmaa galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhoowwaadha. Yeroo ulmaa fixanii bahan hiriyyoonni isaanii damee muka daannisaa badhaasuudhaan sirbaa simatu. Isaanis kanaaf galata galfachaa daannisa sana irra dhaabbatanii waliin sirbaa sirnichi xumurama. Sadarkaa Raabaa keessati niitii fuudhuu fi qabeenya dhuunfaa godhachuu nama irraa eegama. Miseensi Aduulaa Raabaa ta'e tokko fuudhuu akkasumas qabeenya dhabee yoo dhabe horii shan kan kottee afuriin adeemu qabaachuu isaan irra jira. Kana guutuu baannaan umrii isaa guutuu Raabaa ta'eet hafa (Gadoomuu hin danda'u jechaadha). Namni akkanaa Qolee ykn Cufattee jedhama. Cufatteen nama waan waamuu fi waan yaasu hin qabaannee dha. Cufatteen hin gadoomu malee waan yakka miti (namni ofii ta'uu dadhabe biyyaafis hin ta'u jedhameeti). Sadarkaan Gadaa Raabaa waggoota saddeet idda xumuree booda Raabaa Doorii jedhama. Warra hayyuu fi Abbootii Gadaa aangoo irra jiran irraa sirriiti muuxannoo argachuu akka danda'an walumatti waggoota 13 sadarkaa Raabaa fi Raabaa Doorii keessa turu. Sana booda ni Gadoomu. Waggaa 40tti namni tokko waan hundaanuu ni bilchaata (muuxannoo fi beekumsa gahaa ni argata), kanaafuu biyya bulchuu fi ittigaafatummaa fudhachuu ni danda'a jedheeti Oromoon amana.


Gadooma (Luba) (Ganna 40-48)

Sadarkaa hoogganaa siyaasaa fi amantii itti ta'amu. Sadarkaan kun sirna bulchiinsa Gadaa keessatti sadarkaa murteesssaadha. Warri aangoo qabachuuf carraa qaban warra sadarkaa kuusaa, Raabaa fi Raabaa Doorii keessatti dandeetii adda addaa agarsiisuudhaan morkii hedduu keessa injiffannoon darban ta'u.


Yuuba 1ffaa amma 4ffaa

Jarreen kun warra umurii 48 amma 80 keessa jiraniidha. Yuubni warra aangoo gadi-dhiisee sadarkaa adda addaa keessa jiru. Itti gaafatamummaan isaanis, keessatuu yuubni 1ffaan akka gorsituu, seera hiiktuu fi seera murtuu ta'uun hojjata. Yuubni 4ffaan (Booranatti) immoo sadarkaa Raabaa Doorii (ijoollee ofii) wajjiin seera tumuu irratti qooda qabu. Akkasumas ijoolleen isaanii dorgommii (morkii) irratti injifatanii akka filataman ni gargaaru. Kana malees yuubni gosa keessatti waa'ee araaraa fi misoomaa ilaalchisee tajaajila guddaa biyyaaf kenna. Seerri, aadaa fi safuun akka hin banne kan too'atu yuuba sadarkaa adda addaa keessa jiranu. Tuulama keessatti Yuubni warra Ayyaantuu (Qaalluu) wajjiin iccitiidhaan miseensota Gadaa filanii sabatti dhiyeesu. Tuulamni jaarsolee kana Guula jedhee waama.


Gadamoojjii (Ganna 80-88)

Namni sadarkaa Gadamoojjii seenu umuriin isaa waggaa saddeettama tahee, nama sadarkaa gadaa darban kurnanuu seeran hulluuqe tahuu qaba. Ijoolleen Gadamoojjii aangoo qabatanii biyya bulchaa kan jiraniidha. Umurii isaanii keessatti yeroo sadiif Gadaa ofii aangoo irratti arguu warra danda'an jechuudha, kana jechaan: Bara dhalatan, sadarkaa Dabballee (umurii 0-8) keessa yeroo turan ykn bara abbootiin isaanii biyya bulchaa turan Waggoota afurtama booda, ofii isaaniitii yeroo Abbootii Gadaa ta'an (aangoo qabatan) Waggoota saddeettama booda yeroo ijoolleen isaanii aangoo fudhatanii biyya bulchaa turan, paartiin keessa jiran, fkn Meelbaan wayita sadaffaaf naanna'ee yeroo dhufu jechaadha. Ce'umsa irratti sirni godhamu ni jira, sirni kun sirna Qumbii wal irraa fudhachuu jedhama, sirna ce'umsaa ti. Sirna kana irratti xinnaa guddaa otoo hin jedhamin sabni hundaa argamuu ni danda'a. Seenan gootota kanaa ni himama, warri biyyaa waan jabaa hojjatan akka gootaatti ni faarfamu, ni kabajamu, isaanis ni dhaadatu. Sana booda amma lubbuun jiranutti itti gaafatamummaa hin qabani, sabni jara kana amma lubbuun jiranitti ni kunuunsa, ni qananiisa.


Gogeessa Gadaa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna saddeet saddeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamu. Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessaa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti hammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jiruutiini, kunis gogeessa abbaa isaa keessatti jechuudha.


Duula Bilisummaa Sirna Gadaa Jalatti

Keessumattuu, bara 1270 (bara ka'umsa Yukuno Amlaak) irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa 15ffaatti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragaaleen ni ibsu. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame, kanarraan kan ka'e sabni Oromoo walakkaansaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi-lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi bahaatti godaane. Achittis dhiibbaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhibba tokkootif roorroo kana ofirraa ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470n keessa haala karaa lolaatiin biyya ofii falmanii deebifachuuf akka tolutti of ijaaruun barbaachisaa akka ta'e amanee, hawaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni jalqabaa akka haaraatti waan ijaarameef

"Gadaa mala haaraa baase ykn Gadaa mala-baase"
jedhamee hayyootaan moggaafamee, medhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama.


Bara Gadaa Melbaa (bara 1522-1530)

Gadaan Melbaa Oromoodhaaf Gadaa isa jalqabaa miti; isa durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka ture ragaan ni jira. Gadaan Melbaa garuu uummata bara saddeet saddeetiin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiranitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulaatiin of ijaaree, akka kana duraa yeroodhuma ormi ittidhufu ofirraa ittisuu qofaa dhiisee biyya ofii deebifachuuf jecha lafa diinonni isaa (Habashoonni) irraa fudhatan dhaqee loluu jalqabe. Waraanni Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu eegale. Gadaan Melbaa Baale deebifachuuf yeroo lolu mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan kun lola irratti cimaa akka ture Abbaan Baahiree faa ragaa bahee jira.


Bara Gadaa Muudanaa (bara 1531-1538)

Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudanaa kana seera jajjabaa lama tumatan: Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu, Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsin meedhacha akka hin hidhanne kan jedhan ture. Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudanni dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Muslimoonni Imaam Ahimadiin geggeefamanii kiristaanootaan waraanaa turani. Waraana diinonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana bu'aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana barreessee ture.

Waan waaqni diinota isaa lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude.
jechuudhaan Gadaa Muudanaa jedhee moggaase. Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce'ee lafa qabate jedhe Abbaan Baahiree. Kun seenaa uummata oromoof kan xumuraa osoo hin taane kan jalqabaati. kanarraa ka'uun lafa babal'ifannaa itti fufe.


Bara Gadaa Kiilolee (bara 1539-1546)

Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiilolee dha. Kiiloleen duula bal'isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaabaa keessatti handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudiyoos mootii Habashaa waraana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawwaarootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis baqatee laga Awaash ce'e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii har'aatti akeekuun ni danda'ama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoo biyya isaaf lolu moo'uu hin dandeenye. Muudanatti aanee kan baallii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra Poorchugaaliin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif qalbii tokkoon Oromorratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa fi humna waraanaa Awuroopparraa argataniin gargaaramuudhan Oromoo irratti duulan. Mootichi Habashaa Galaawudiyoos Imaam Ahimadiin erga ajjeese booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiraq jedhamuun hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka madfii hidhate kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa waraanaa ari'ee laga Awaash ceesise. Waraanni habashaa hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahiree. Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaatti gargaaraman waan moo'eef, Gadaa dhugaa lole, kan Lole jedhamee seenaa keessatti yaadatama. Jechi "kan lole" jedhu kun bara dheerina keesa "Kiilolee" jedhamuun beekkama.


Bara Gadaa Biifolee (Bara 1547-1554)

Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu moo'atee humna isaa mara gara Oromoo qofaatti xiyyeeffate ture. Mootichi Habashaa Galaawdiyoos, Adal Mabiraq moo'amuu dhaga'ee humna isaa walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin Oromoo irratti bara 1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti dhufe qolee, rukutee moo'uudhan ofirraa deebise. Lafa bal'aa dabalee qabachuu dadhabus, humna guddaa kana falmee moo'ee ofirraa deebisuu waan danda'eef, wanti hojjate akka gootummaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-oole jedhamu akka argatu ta'e. Bif-oole jechuun odoo hin dabalin, odoo hin hir'isin akkuma jirutti, bifuma duraan jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi "Bif-oole" jedhu kun bara dheeraa keessa Biifolee jedhame. Gadaan Biifolee daangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo Gadaa Michilleetti dabarse.


Bara Gadaa Michillee (Bara 1554-1562)

Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef Gadaan Michillee seerota sadii baasee labsuudhaan hojii irra oolchee ture, isaanis: Namni diina hin ajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataasaa hin haaddanne. Namni ganna saddeetii olii fi 80 gadii lola keessatti qooda akka fudhatu, Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba'u seera jedhu, kun immoo iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasise. Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa Michilleeti. Michillee waraana Galaawudiyoos, Hamalmaaliin hogganamu waraanee moo'e, Faxagariin Ererii fi Karrayyuu guutumatti harka Oromootti galche. Itti dabalees hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha Habashaa Galawudosiin waraanee moo'ee ajjeese, gammadee ayyaaneffachaa otoo jiru Michillee Harariin qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga'ee otoo inni gara Hararitti deebi'uutti jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun dhumullee waraanni Amir Nuur moo'amee harka Michilleetti baqee raawwate. Abbaan Baahire akka barreessetti Gadaan 5ffaan Michillee jedhamu biyya waraanee moo'atee idda balleessee booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon durii biyya waraanee waan barbaade erga godhee booda gara dhufetti deebi'aa jechuu isaati. Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota, warra habashaa kan Porchugaalin gargaarame akkasumas Afaar kan Turkiin gargaarame haleelee dangaa bal'aa bilisoomse hin jiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaan hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessaa bahu, bineensa gurraattii hanga saree xiqoo geessu, kan waraanni hin seenne, kan nama hin soodaanne, kan nama duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuudha. Gadaan Michillee farda luka afur qabu yaabbatee gaachanaan waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga'eef Gadaa Michillee jedhamee moggaafame.


Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (Bara 1563-1570)

Gadaan Michillee daangaa bal'aa waan bilisoomseef dangaa bal'aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan ta'eef Gadaan duraan Booranaa fi Baarentuu irraa ijaarame hoogganaa tokkoon walfaana socho'aa ture bakka lamatti qooduun dirqama ta'e. Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Booranni Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman godhame. Harmufni Bagaamidir rukutee gosatti moggaasee of jala galche, Hambisaan immo duula guddaa mooticha habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufuu danda'u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal'aa dabalee qabachuu baatus, kan ture akka jirutti eegee dabarsuu waan danda'eef, Gadaa Harmufaa wajjiin meedhicha hidhatanii baallii dabarsanii Gadaa Roobaleetti kennan.


Bara Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)

Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati. Roobaleen lachuu wal gargaaruudhaan Bagamdir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaarota hallayyaa fi holqatti naquudhaan) daangaa biyyaa bal'isuu danda'anii turan. Wa'ee Gadaa Roobalee Abbaan Baahiree akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen ilma Gadaa Muudanaati, isa kan Shawaa balleessee Goojjamiin rukutee, nama aangoo cimaa qabu Azmaach Zari Yohannis ajjeese jedhe.


Bara Gadaa Birmajii (Bara 1579-1586)

Gadaan kun Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa ti. Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa Kaabaa akka malee muddee qabuudhaan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaarota bakka hundatti ari'ee, lafa fardi isaa seenuu danda'u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte.

"Utuu gaarri, hallayyaa fi holqi hin jiru ta'ee namni hafu hin jiru."
jedhe barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen.


Bara Gadaa Mul'ataa (Bara 1587-1594)

Gadaan kun Mul'ataa Baarentuu fi Mul'ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Mul'ataa kana Wallo hedduu hin duulle. Yeroo lama qofaa Goondaritti duulee deebi'ee qubate jedhama. Mul'ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta'an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa'u mara Goojjamii fi Gondar keessa gulufee, qabatee, basha'ee achi taa'e.


Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahiree akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru jedhe. Mul'anni baallii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka'uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa'ee Gadaa isaa kabajataa nagaadhan jiraataa ture. Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaarri Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu jalqabe. Walitti makamuu (wal fuudhuudhaan) uumameen kan ka'e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa jiraatan Afaaniif Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama.

#orosoft
GALATOOMAA!!

Post a Comment

1 Comments