Ads

Mallattoowwan dubartiin si jaalachuu agarsiisan

 

Dubartiin uumama isaanii irraa kan ka’e, fedhii fi miira isaanii kan himatan irra caalatti afaaniin osoo hin taane, sochii qaamaa fi gochaani. dubartiin takka beekaatiis tahee osoo hin beekin gochaa fi haasawaan mallattoolee mul’iftu sirritti hordofuu fi hiikuun fedhii isii beekuun ni dandahama. Mallattoo kana irra caalaa beekanii osoo hin taane keessi isaanii fedhii kee qabaannaan osuma itti hin yaanne akka gocha ‘rifuu liphiitti’ tasa kan raawwatanidha. 

Rifeensa Maruu/ Rifeensaan Taphachuu:- 

Si cinaa teessees ta'ee fagootti, si mil’achaa rifeensa ishii kan martu yookan kan micciirtu, kan hiiktu, guduunfaa facaasaa yoo kan rifeensa ishiitiin taphattu ta'e fedhii kee qabaachuu ishii ibsachaa jirti. Kan kana gootuuf ta'e jettee ergaa siif dabarsuuf osoon taane fedhiifi miira keessa ishiituu ishii dirqisiisa/ajaja.
 

Hidhii Xuuxxachuu/Hidhii Ciniinuu:- 

Hidhii ishii xuuxuu ykn hidhii ishii ciniinuun mallattoo biraa kan dubartiin osoo hin beekne fedhii/miira qabachuu isaanii ittiin mul’isan/ibsatanii dha. Mallattoon hidhii xuuxachuu kun, xiyyeeffannaa kee gara hidhii ishii harkisuufi fedhii dhungatamuu qabaachuu ishiitif dhaamsa darbuudha.
  

Qaamaan Sitti Siquu:- 

Bakka ykn naannoo tokko wal maddii ykn fuullee walii teessanii yeroo haasooftan irra caalaa gama keetitti kan jallattu/hirkattu yoo ta'e mallattoo fedhii kee qabaachuu mul’iftu ta'uu ni shakkama. Harka ishii bantee qaama ishii gadi dhiiftee gara keetti qaaman siqxee, si waliin walitti dhiheenya qaamaa, walitti hidhamiinsa miiraa qabaachuu akka feetu mul’isuu daran fedhii wal hammachuullee akka qabdu siif ibsaa jirti. Tapha/haasawaa jidduutti harka ishiitiin harka kee, ceekuu kee, dugda kee yoo si qaqqabatte, si tuttuuqxe osoo of irratti hin beekiin fedhii qabaachuu ishii siif himaa jirti.
  

Iftooma Tasaa:-  

Iccitii waliin qooddachuun saffartuu hariiroo walitti dhiheenyaafi waahilummaa/michummaa godhamee fudhatama. Kanaaf, iccitii guddoo tahullee baatu amma dura osoo walitti hin dhihaatin iftooma hin eegamneen seenaa ishiitiifi maatii ishii yoo kan haasooftu tahe, fedhii siin walitti dhiheenya qabaachuu mallattoo ibsuu dha.

 

Akkeessuu/ Waan Ati Gootu Godhuu:-

 Dubartiin takka walitti siqxanii yoo ta’aa jiraattaniis tahee fageenya murteessa tokkotti xiqqoo walirra siqxanii osoo jirtanii sochii ati gootu yoo deebitee kan gootu tahe, mallattoo fedhii kee qabaachuu mul’isu keessaa isa tokkoo dha.

 

Tapha Ijaa:- 

Dubartiin si barbaaddu/ si fedhuus ta'ee si fedhuu dhabuu isaanii mul’isuuf meeshaan guddaan itti fayyadaman nikuleeriin isaanii ija isaaniiti. Yoo kan fedhii kee qabataniifi michooma si waliin kan uumu fedhan ta'e, nikuleerii isaanii sitti dhukaasan. Deddeebi’anii waan si laalaniif ijaafi ijatti qabda. Dubartiin yoo si feete, si barbaadde akkaataan itti si mil’attu, nikularii misoomawaa, ija nagayaafi tasgabbii qabduun, ifaa fuula kan siifillee ibsuun si deeggaranii si ilaalan jechuu dha.

 

Si Iyyaafachuu/Gaafachuu:- 

Dubartiin fedhii kee yoo qabaatte, waa’ee kee gadi fageenyaan baruuf waan sardamtuuf gaaffilee garagaraatiin hafuura si kutti, sitti roobsiti. Seenaa kee ijoollummaa irraa hanga amma jirtutti baruuf / dhaga'uu feeti. Yeroo haasooftuuf hamilee guddaan dhageeffatti, si hordofti.


Siif Kofalti:- 

Baacoo hiriyoota keetiif himtee isaan siif seequullee baatan, ishiif himtee ‘qiis.. qiis..” jettee yoo kofalte, ‘ qoosaan kee kofalchiisee osoon hin taane, waan si barbaadduuf, waan si feetuufi. Yoo hiikamu ‘jireenyii koo si waliin bashannana, waa hundi keen a gammachiisa. Kanaafuu siin barbaada, siin fedha’ jachuudha.

 

 

Eegaa dubartii takka itti dhihaattee haala kana mara yoo irratti arguu baatte fedhii tee akka hin qabne hubadhu. Yeroo kee hin gubin isii waliin ati filannoo isiiti miti. Kanaafuu filannoo biraa barbaaddadhu.


Post a Comment

2 Comments