Ads

Maloota Ittiin Shamarran Haasofsiifnu - (Dhiirotaaf)

 


Erga gaggabaaban (text message) yaada fi miira ofi ibsachuuf maloota hundarra iyyuu salphaadha. Dubartii qaaman haasofsiisuu ni sodaatta yoo ta'e text fayyadamuu dandeessa. Brreeffamaan haala mijeeffaannaan boodarra sagalee fi qaaman dubbisuuf siif salphata. Yeroo text taasiftuuf daandiwwan armaan gadii hordofuu dandeessa.

1. Jalqaba bakka duwwaa (━) qofa itti ergi. 

Waa'ee kee baruu waan barbaadduf siif deebisti. '?' yookin 'Hi' jettee si deebisuu dandeessi. Bakka duwwaa itti erguun kee akka fedhii keetti akka haasoftuuf haala siif mijeessa.
 

2. Lammaffaa irratti daftee itti hin deebisin.  

Akkuma ishiin siif barreessiteen atis quba kudhaniin oggasuma barreessitee itti deebisuu hin qabdu. Takka akka yaaddu godhi. Dogogoraan bakka duwwaa natti erge moo jettee yaaduu dandeessi. Akka malees immoo irraa hin turin. Barreeffama tokko yeroo lama irra deebitee walirra dogoggoraanis ta'u itti hin ergin.

3. Emoji gara garaa fayyadami. 

Emoji akka onnee ishii mootuf si fayyada. Emojiwwan tapha keessan bareessaa itti fufsiisuu danda'an fayyadami. Emoji kun yaada ishii guutummatti gara keetti akka ishiin naannessitu godha.

4. Dogogora ishii fayyadamaa deemi.

Barreeffama irratti dubartiin baay'ee waan of hin eegnef ati immoo galii irratti lakkaawwachaa deemi. Ta'us garuu immoo barsiisaa afaanii ishii of hin taasisin.

5. Yeroo mijataa filadhuu ergiif. 

Sa'aatin ati itti barreessitu sun murteessadha. Galgala osoo ta'ee bareedadha. Walii barreessun keessan yeroo dheeraf akka itti fufuuf yeroo ishiin hojjaa hin qabne ta'uu qaba.

6. Osoo hin ciifne dura barreessif. Osoon rafin dura barreessufiin kee waa'ee kee abjootaa akka bultuuf gargaara. Guyyittiin xummuramuun dura barreeffama kee dubbisuun ishii si yaadaa akka bultu taasisa. Ganama yaada keetin lafaa kaati.

7. Barreeffama kee keessaa sookkoo fayyadami. 

Jechoota dhokataa fayyadamuun kee akka itti yaadduf fayyada. Sammuu ishii keessa yaada facaasaa jirta. Turtii dheeressa. Atis amma ishiin itti yaaddutti yaada biraa qopheeffattee eeguf si gargaara.

8. Erga gabaabaa qalbii hatu ta'uu qaba. 

Barreeffama dheeran nuffisiisurra gababdudhuma dhama of keessaa qabdu wayya.
 

9. Dogoggora qubee of eeggadhu. 

Dhiirri qubee eegee sirnaan barreessu qalbii shamarranii sirritti hata. Dubartiin ofii sirnaan qubee eegdee barreessuu baattus kan dhiiraa garuu ni hordofti. Kanaaf amma si danda'ametti, jaalalaan weeraramtus adaraa kee barreeffama irratti of eeggadhu.

10. Afaanota garaa garaa fayyadami. 

Kuni hagas mara faayidaa qabaachuu baatus iddoon inni itti si gargeeaaru ni jira. Fkn Bakka biraatti jecha miidhagaa jaalala ibsu argattee afaan keetti deebisuuf yeroo jettu hiika dhabuu dandeessa, kanaaf akkuma jirutti afaanichuma fayyadami. Akkasumas afaan ishiin hin beekneen erguufin kee wanticha baruuf fedhiin ishii ni dabala.
 

11. Waan kofalchiistu irratti of eeggannaa taasisi.

Baacoo itti mammaki. Barreeffama kee keessa qoosaa itti daddabaluun kofalchiisuu dandeessa. Garuu tapha baay'isuun waan akka salphaa wayiitti si lakkoofsisuuf of carraa kee itti aanu akka hin gubne of eeggadhu.
 

12. Maqaa moggaasif. 

Yeroo kamiyyuu maqaa warri ishii moggaasef hin fayyadamin. Maqaa bareeda Jaalala ati qabdu keessatti mul'achuu danda'u fayyadami. Kuni hariiroo keessan cimsaa deema.
 

13. Barreeffamni kee akka malee of eeggannoo cimaa fi ijaarrama hin barbaachisu.

Suuta barachaa deemun ni danda'ama. Yaa'insa barreeffama ishii irratti hunda'aa deemi.

 14. Suura kee akka itti hin ergine. 

Amma fedhe bareeddu erguku hin barbaachisu. Dubartiin suura nama ishii hordofuu tokkichgaafanne guu hin feetu. Kanaaf of mumul'isuudhaf hin dhama'in.
 

15. Goonkumaa suura kee na ergi jettee akka hin gaafanne. 

Ammuma fedhe hariiron sin jidduutti uumame cimaa ta'us sararri isin hin dabarre tokko ni jira. Maaloo suura kee na ergi jechuun kee yeroo xummuraatif tapha sin jidduu jiru balleessuu danda'a
 

16.  Jechamoota, walaloowwan, seenaa fi wantoota adda adda barreeffama kee keessa fayyadami.

 Gochoonni kunniin wantoota ishii harkisan keessatti argamu. Jaalala ishiif qabdu walaloon, seenadhaan, jechamootan ibsuun kee iddoo akka siif qabaattu gsitti
 

17. Barreeffama keetin baay'istees of hin tuulin. 

Barreeffaman akka ishii sirritti bartuuf baay'uma of boonsun hin barbaachisu. Wantoota ishiin jaalattu, jibbitu fi kannen biroo adda baafachuuf yaali.
 

18. Amanamaa fi dhugaan waan sirraa calaqqisu osoo of hin qusanne itti agarsiisi. 

Waan sitti dhaga'amu kamuu qoodif. Sobaa fi waanuma hin jirre kana ishii ho'isuuf jettee barressufii irraa of qusadhu.

19. Wantoota darbe yayyaadachisi. 

Yoo kana dura waan baay'ee waliin jechaa turtan ta'e duubatti deebitee ishii yaadachiisuu dandeessa. Kuni hariiroo ho'isuuf fayyada
 

20. Dubartii karaa message akka nutti siqxu gochuun waan salphaa miti.

Nama kaayyoo fi obsa qabu taanan immoo karaa kanaanis waan hin milkoofnef hin jiru. 

 

Sitti haa tolu!

 

Post a Comment

1 Comments