Ads

Dinkisa Debela - Daadoo wolaloo sirbaa - Lyrics

 


Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa

(Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa)

Ee Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa

(Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa)

Takka kolfanii takka gadduun na duchisiisaa

Kolfa wolirraa hin cinne kolfuun na callisiisaa

(Nan hawwe, nan hawwe

Nan hawwe, nan hawwe

Nan hawwe, nan hawwe

Nan hawwe, nan hawwe)



Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa

Kolfa wolirraa hin cinne kolfuutu caba koo naa deebisaa

(Nan hawwe nan hawwe na hawwisiisaa

Kolfa wolirraa hin cinne kolfuutu caba koo naa deebisaa)


Sobeeti ammoo, sobeeti ammoo

Cinaachi mirgaa, wayyaa'e xinnoo

Sobeeti ammoo, sobeeti ammoo

Cinaachi bitaa, na dhukkubammoo


Tuulamarra roobe roobe roobe roobe

Maa maccarra tiifa tiifa tiifa tiifaa

Maa maccarra roobee, tuulamarra tiifaa?

Rabbi wol qixxeedhaa, yoom addaan nu baasaa?

Tuulamarra roobe, maa maccarra tiifaa?

Kan rabbi wol qixxeesse, maa namni adda baasaa?


Soloolookoo soloolookoo

Solooloo Finfinnee, oroomi sitti hime

Soloolookoo soloolookoo

Soloolli battalaa, bakkalcha galgalaa

Sin eega galgala, Sin eega galgala

Sin eega galgala, Sin eega galgala


Yaa habeebee habeebee

Qaatan callise didee na jalqabe

(Yaa habeebee habeebee

Qaatan callise didee na jalqabe)

Yaa habeebee habeebee

Maalan callisa cinaachi na cabee

(Yaa habeebee habeebee

Maalan callisa cinaachi na cabee)


Yaa habeebee, habeebee koo hin jettuu

(Yaa habeebee)

Habeebee gamasii

(Yaa habeebee)

Kunoo na okkolaa

(Yaa habeebee)

Hin fayyine harrasii

(Yaa habeebee)

Habeebee koo hin jettuu

(Yaa habeebee)

Kuttaayee amboorraa

(Yaa habeebee)

Qaroo kiyya dhabee

(Yaa habeebee)

Alaa manni qorraa


Yaa habeebee habeebee

Maalan callisa didee na jalqabee

(Yaa habeebee habeebee

Maalan callisa didee na jalqabee)


Egaa tole tolee tole tolee tole tolee

Tole tolee tole tolee tole toolee tole

Tole tolee tole toolee tole

Tole tolee tole toolee tole

Egaa tole tolee tole tolee tole tolee

Tole tolee tole tolee tole toolee tole

Tole tolee tole toolee tole

Tole tolee tole toolee tole


Woltu kan walii

Warri walii tola walii dhaamaa

(waatu dhalachuu deema)

Ee, waltu kan walii

Warri walii tola walii dhaamaa

(waatu dhalachuu deema)

Woltu kan walii

Warri walii tola walii dhaamaa

(waatu dhalachuu deema)

Ee, waltu kan walii

Warri walii tola walii dhaamaa

(waatu dhalachuu deema)


Jigiin baanee, jigiidhaan gallaa

Lakkii hin diigin, ijaarsa dallaa

Daboon ba'anii, daboodhaan galuu

Dhiisi daadoo, maqaan nu hin tolu

Jigiin baanee, jigiidhaan gallaa

Adda hin banuu, gamtaadhaan tollaa

Daboon ba'anii, daboodhaan galuu

Dhiisi daadoo, maqaan nu hin tolu

Addaan hin tolluu, maqaan nu hin tolu

Addaan hin tolluu, maqaan nu hin tolu

Addaan hin tolluu

Addaan hin tolluu

Addaan hin tolluu

Addaan hin tolluu


(Ohoo ehee)

(Ohoo ehee)

(Ohoo ehee)

(Ohoo ehee)

(Ohoo ehee)



 

Post a Comment

1 Comments