Ads

Andualem Gosa - Gumgume - Full Oromo music lyrics

 


 

 

dhugaa ganamaa

dhugeeffanna oromummaa
waloo uumaa, waloo uumaa
seertuu seera namoomaa
waloomaa waliin, waloomaa waliin
gadaan galti namaa, waloo uumaa.
 
walooma walooma waloomaa
walooma walooma waloomaa
walooma walooma waloomaa
walooma waliin waloomaa

gurree gurraan galu
gurraacha gurra lootii
dafoo haadaan dafi
ayyaana worra kootii
qomoon mariin murtu
qormaata mara mootii
gadaan waloon galtu
dhugaan wolaba baatii

gurree gurraan galu
gurraacha gurra lootii (x2)

yayyaba yaayyaa yaa ilmaan aayyaa
ilaaf ilaameen tokkoomuu woyya (x2)


Gumgume
sagaltaman si taajjabe
Gumgume
ijji moggaa moggaaf
Gumgume
moggaatti wol laaluuf
Gumgume
shimbir lagaa lagaa
Gumgume
mormori marmaaruuf
Gumgume
amna karraa karraa
Gumgume
karratti wol waaluuf
Gumgume
wol beekan wolii galuu

harki harka harkaa
iiddee wol sakaaluu
arrabni dhugaa didee
waan dharaa daldaluu
seera uumaa dabsee
uumamaan wol loluu

lakki lakkisi - lakkibboo

Dafoo dafimee, waaqa waaqaa
wolooma waan Afrikaa. afrikaa, afrikaa

kooyyaa soreekoo, yaa sorora koo,
waloo wol faanaa,
woliin dhugaa wol dhaabna (x2)

walooma walooma waloomaa
walooma walooma waloomaa
walooma walooma waloomaa
walooma waliin waloomaa

gurree gurraan galu
gurraacha gurra lootii
korjoo kormaan kormu
gorommii worra kootii
lammii lammii iyyatu
lammachi luba yaatii
bokkuu gadaan galtu
addunyaa mara mootii

gurree gurraan galu
gurraacha gurra lootii (x4)


sittime!
tabbaan tabba tabbaa
sittime!
tabbatti ol yaabuuf
gumgume
lagaan laga lagaa
gumgume
lagatti achi darbuuf
gumgume
qomoon qomoo qabu
gumgume
qomatti wol qabuu
gumgume
qomoon gamtaa qabu
gumgume
mataa gadi hin qabuu

harki harka harkaa
iiddee wol sakaaluu
arrabni dhugaa didee
waan dharaa daldaluu
seera uumaa dabsee
uumamaan wol loluu

lakki lakkisi - lakkibboo

Dafoo dafimee, waaqa waaqaa
wolooma waan Afrikaa. afrikaa, afrikaa


kooyyaa soreekoo, yaa sorora koo,
waloo wol faanaa,
woliin dhugaa wol dhaabna (x2)

walooma walooma waloomaa
walooma walooma waloomaa
walooma walooma waloomaa
walooma waliin waloomaa

Post a Comment

1 Comments