Ads

Sirboota Afaan Oromoo si'a baay'ee daawwataman 30

Suuraa : Amansiisaa Ifaa (Hiriya Pictures)

 

Dur bara Afaan Oromoo reediyoo cabsa jedhan sana artistoonni Oromoo sodaa tokko malee Afaan Oromoon sirbaa turaniiru. Afaan Oromoon waan sirbaniif qofa dararaafi cunqursaan adda addaa irra gahaa ture. Haa ta'u malee aartiin Oromoo hin jilbiiffanne. Aartiin keenya cunqursaa sanniin ufirraa qolachaa har'a gahee jira

har'as ijoolleen Alii Birraa, Abbitoo Kabbadaa fi Aadam Haarun sirboota ajaa'ibaa saba isaanii biraan gahaa jiru. Keessattuu woggoota shanan darban keessa aartiin Oromoo gama muuziqaatiin jijjiirama guddaa agarsiisee jira. 

 Woggoota 15nan darban aartii Oromoo gama sirbaan bakka saditti yoo qoodnee ilaallu :

1. Mana muuziqaa Abbaa Gadaa fi Mana muuziqaa Madda wolaabuu :

woggoota kudhan dura obboleessa artist Muktaar Usmaan kan ta'e Awwal Usmaan, sirboota afaan Oromoo heddu daayreektara ta'ee nu biraan gahee jira. Artistoota akka Jaamboo Jootee, Aaddisuu furgaasaa, anawaar badhaanee, tiyyaa daadhii, Qaasim simboo fi kanneen biroo heddu wojjiin viidiyoodhaan wol nu barsiisee jira.

Solomon video production kan jedhaman immoo albama Hacaaluu Hundeessaa (Sanyii mootii) fi kan Abbush zallaqaa (Arrooyi)  haala gaariin hojjatanii uummata biraan gahanii jiru.

Manni muuziqaa Madda Wolaabuu immoo Albama Kadiir Martuu (Imaanaa) fi sirboota biroo uummata biraan gahuudhaan shoora guddaa taphatanii jiru.

2. Raayyaa Istuudiyoo :

Abrahaam Raayyaan kan jalqabame Istuudiyoon Raayyaa bara itti sirboonni qeenxee heddu hojjatamuu eegalanitti sirboota heddu hojjataniiru. Artistoota hedduunis wol nu barsiisanii jiru. Kana malees sirboota worraaqsaa heddu hojjachuudhaan Raayyaa Istuudiyoo kan gitu hin jiru. Dhiheenya kana akkaawuntiin raayyaa istuudiyoo cufamus shoorri isaan aartii Oromoo keessatti qaban baay'ee guddaadha.

3. Vision Entertainment fi woggoota sadan darban:

Turtii woggaa lamaa keessatti daaw'attoota heddu kan horate chanaaliin kun sirboota qulqullina suur sagalee olaanaa qaban heddu uummata biraan gahee jira. Viizhin viidiyoowwan qulqullina hamma 4k qaban upload gochuun beekkama. keessattuu sirboota kanneen akka Saglii, Hawanawa, Darbee laalla, 3Obsa fi kanneen biroo heddu hojjachuudhaan gurra uummataan gahee jira.

 

Waa'ee Aartii Oromoo gama sirbaan jiru ammaaf hammana erga jenne mee amma ammoo sirboota Afaan Oromoo baay'ina daawwattootaa (VIEWS) qabaniin sadarkaa 1 hanga 30 jiran isiniif qopheessinee jirra.

HUBACHIISA:

daataan kun kan sassaabame jan 1, 2022 dha. Hanga guyyaa har'aa(jan 1/2022) sirboota afaan Oromoo baay'ina hordoftootaa qabaniin sadarkaa 1-30jiran tarreessinee jirra. Obsaan Dubbisaa.

 1. Hacaaluu Hundeessaa - Maalan jira? - 19.5M

Uummata Oromoo biratti jaalatamummaa guddaa kan qabu artist Haacaaluu Hundeessaa albamoota 3 uummata biraan gahee jira. Sirbi 'Maalan jira?' jedhu youtube irratti si'a Miiliyoona 19.5 ol daawwatamera. Sirbichi chanaalii lamaan kan gad dhiifame yoo ta'u, isaanis 'Hiriya Pictures' fi 'OROMP3' ture. Hiriyaa irratti daaw'annaa 8,084,688 fi oromp3 irratti daaw'annaa 11,461,738, wolumaa galatti daaw'annaa Miiliyeena 19 ol argatee jira. Haacaaluun albamoota sadi: Sanyii mootii, Waa'ee keenya fi Maal mallisaa jedhaman hojjatee jira.

2. Helen Berhe & Ali Birra - SI YAADE  -  9.5M

Sirbi Doktor artist Alii Birraa fi artist Helen Berhee wol wojjiin hojjatan si'a 9,561,414 ol daaw'atameera. Alii birraa sirboota 200 ol hojjatee hawaasa Oromoo biraan gahee jira. kanumarraa ka'uun yunivarsitiin jimmaa doktorummaa kabajaa kenneefii jira.

3. Jambo Jote - Belba  -  9.1M

Jaamboo jootee albama jalqabaa kan sirboota akka Kamisee, Imimmaan jaalalaa, Dafii koottu, goobaa kormaa, yaa mukkeen fi kanneen biroo qabu heddu hojjatee uummata biraan gahee jira. kana malees sirboota qeenxee heddu hojjachuudhaan uummata Oromoo biratti jaalatamummaa guddaa goonfateera.

  • MINEW SHEWA TUBE
  • 9.1M
  • https://www.youtube.com/watch?v=QY5bZ9q5a3Y 

4. Andualem Gosa - Darbee Laalla  -  8.2M

Andu'aalem Gosaa sirboota qeenxee kanneen akka Michuu dhugaa, waa hoyyee, Gadaatu keeti fa'a gurra uummataan gahee jira. sirba as dhihoo kana hojjate Darbee laalla jedhamuun jaalatamummaa guddaa horatee jira. Amansiisaa Ifaa sirba kana irratti daayreektarummaan akkasumas gulaalliidhaan shoora ol aanaa taphatee jira.

5. Farhaan sulee & ashiitaa nuuree - karra teeysan dura  -  8.2M

Sirba 'Sheenaa' jedhu intala artist Elemoo Alii, Leensaa Elemoo raapparii Oromoo shamaraa kan jalqabaa kan taate wojjiin haala gaariin hojjatee jira. akkasuma sirba shaggooyyee 'shagagii' jedhu hojjatee ture. jalqaba sirba 'Lilmee qara hin qabne' jedhuun uummata biratti beekkamtii kan horate artistiin kuni sirbi 'karra teeysan dura' jedhu daran jaalatamummaa argateefii jira.

  • HOPE MUSIC
  • 8.2M
  • https://www.youtube.com/watch?v=3Rm1t7kNAE0

6. Jambo Jote - Dafii Koottu7.7M

Chaanaalii Eyoss jedhamuun kan gad dhiifame sirbi kun si'a 7,740,749 ol daawwatamee jira. sirba jaalalaa yoo ta'u Awwal usmaan daayrekt godhee jira. 'Solomon video production' immoo uummata biraan gahee jira.

  •  EYOSS
  • 7.7M
  • https://www.youtube.com/watch?v=JedM31FfqjY

7. Galaanaa Gaaromsaa - Wal Agarra7.2M

'Birraa wol agarra' jechuudhaan kan dhaadate Galaanaan sirboota heddu hojjatee jira. sirboota worraaqsaa bifa jaalalaan sirbe kanneen akka Amala kee, hin dhaqu ganda, Lubee koo, Wol nu hin hanqisin fi kan biroo heddu hojjatee saba biraan gahee jira. 'Sodaa qawwee hin qabnu' sirbi jedhu urjii qabsoo 'oromo protest' ta'uunsaa wol nama hin falmisiisu. Albama isaa jalqabaa Baallii jedhamus hojjatee uummata biraan gahee jira.

  • GALAANAA GAAROMSAA
  • 7.2M
  • https://www.youtube.com/watch?v=dAT8rVzbpBw  

8. Yosan Getahun - 3Obsa5M

'Bulloon garmaamu tola, maaf mana hidhaa oola?' jedhee kan gaafatu yoosan sirba kana keessatti haala gaariin yaada isaa ibsatee jira. worroota aangoo irra jiraniif mataa dhukkubbii ta'us uummataaf immoo gaafii yeroo dheeraati. sirboota 'keenya yeroon', 'waatu jira waatu' fi 'sossori' jedhaman hojjatee jira. artistoota biroofis sirba heddu barreessee kennee jira.

  • VISION ENTERTAINMENT
  • 5M
  • https://www.youtube.com/watch?v=8zlm6JVbi2U 

9. Elsaa Nugusee - Tuulamarraan5M

Tuulamarraani daandiin wolloo kan jettu Eelsaan sirboota Gaagura koo fi Koottu shaggar jedhamanis hojjatee jirti.

 

10. Keekiyyaa Badhaadhaa - Barraaq4.7M

Yeroo hayyoonni sabaa, artistoonni,abbootiin amantaa fi abbootiin gadaa hidhamanitti abdii sabatti kan hore sirbi keekiyyaa kun ajandaawwan heddu sodaa malee diinatti himuun harkaa fashaleessuun saba immoo xiiqessee jira. keekiyyan sirboota akka Ayyantummaa, madaqoo, worri kun, deebinehoo, dhugaan maseenaaree, mammaraanne, worra kam fi Shaggar jedhaman hojjatee jira. sirboonni hedduun inni hojjate sirboota worraaqsaati. keessattuu sirba Shaggar jedhuun yaadaan Finfinnee keessa deemee nu daawwachiisee jira.

  • kunneen bakkeewwan ijoo sirba 'Barraaq' keessaa fudhatamaniidha.
    • 'Oromiyaan lafuma, Oromummaan nafuma, yaaduma qawwee tumu dhumi jedhan hin dhumu!',
    •  'Hifannee kulkulchuu, alagaan nun bulchu',
    • 'Waleen ormaa sirna ufiif kaattii, dhaleen maalumaaf wojjiin kaatti?',
    • 'Bu'aa qeerrof qarree ce'umsaan wol garree, faffacaatii ammaa waa hin jettuuree lammaa?',
    • 'Shaneefi ABO, OLF KFO, hin barreen haa bartuu Oromoodha martuu',
    • 'Musxafaa huseen ta'ii ofiin beekii, woraana baatte uummataan eegi',
    • 'Diinagdeen nu cabsuuf, soodareerraan marsuu, hayyuu keenya hidhaa, hin barbaannu cidha'
  • VISION ENTERTAINMENT
  • 4.7M
  • https://www.youtube.com/watch?v=utYZuw70aPI  


Egaa sirboonni Afaan Oromoo baay'ina daawwattootaatiin sadarkaa 1-10 keessa jiran kanneen tarreessine kana. Amma ammoo sirboota sadarkaa 11 - 30 jiran teebilii armaan gadii keessatti isiniif tarreessinee jirra. kunooti.


Sad. Sirba Artistii Views(M) Linkii
11 Obomboleettii Mergitu Workineh 4.5 Watch
12 Barri Hin darba Tadele Gemechu 4.4 Watch
13 Waggaadhaan nu ga'i Caalaa Bultumee 4.3 Watch
14 Si yaada Yannet Dinku ft. Shukri Jamal 4.2 Watch
15 Fullaanneey Abbush Zallaqaa 4.1 Watch
16 Jirra Hachalu Hundessa 4.0 Watch
17 Michuu Dhugaa Andu'alam Gosaa 3.6 Watch
18 Amala Kee Galaanaa Gaaromsaa 3.5 Watch
19 Raada Gaarree Jaamboo Jootee 3.4 Watch
20 Keenya Yeroon Yoosaan Geetaahun 3.3 Watch
21 I love you forever Fayyisaa Furii 3.3 Watch
22 Amma Yeroon Margituu Warqinaa 3.2 Watch
23 Madda Gammachuu Hirphaa Gaanfuree 3.1 Watch
24 Hawanawa Gutu Abera 3.0 Watch
25 Jettee ree Tafarii Salaalee 2.9 Watch
26 Bale Robe Asgegnew Ashko (Asge) 2.8 Watch
27 MADAQOO Keekiyyaa Badhaadhaa 2.8 Watch
28 Callisuu Burqaa Wabii Dhaabaa 2.8 Watch
29 Saglii Lencho Gemechu 2.7 Watch
30 GADAATU KEETI Andu'alam Gosaa 2.6 Watch

Sirbi nuti osoo hin argin bira dabarre yo jiraate, yaada keessan as jalatti nuuf barreessaa

Maxxansa keenna har'aa kanumaan xumuraa sirba Keekiyyaa badhaadhaa kana jabaa isiniin jenneerra.



Post a Comment

0 Comments