Ads

Hachalu Hundessa - Kuullee koo - full Lyrics

 

yaadaaf yaaddoo keetiin..
yaadaaf yaaddoo keetiin
halkan ciisa dhabee
waanuma kee yaaduutti
maaf hirriba dhabaa?

kee garaan akkamii
kan koo ammas didee kunoo natti gamaa

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too (x2)

yayyaba wolaabuu maddite
yaa taliila bishaan ganamaa
lixee daakee bahuu dadhabe
danbalii yaada keen raafamaa (x2)

raafamaa (x4)

Ayyaana keef safuu,
simboo kan keef safuu
meeqa jilbaan oofee?

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

* jaalala kee lixee ni tumamee *
otoo hin bahin hafee

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

si giiftiin jaalalaa,
si giiftiin gootummaa
lubbuun koo si feetuu

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

giiftii worra himanuu
giiftii worraa qaalluu
maaliif kan koo hin taatuu?

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

fakkii amadee liiban
tokkicha abbaa waxoo
wolirraa nu diigan
foon tokko naaf atoo
gowwummaan aliimaa
karaa fooddaa haa baatuu
otoon an siif jiruu
ormaaf soddaa hin taatu
heebanuuf maqdallaan
karabiidhaan sadii
an si fudheen galaa
(koo na wojjiin badii) (x3)

deesseen dasii taatee
magariituun biyyee
dirreetti wol ariituu
fardeenni maariyyee
keessa qaxxaamurree
jalantaan darbinaa
kamiseetti buunee
(sidaamee sirbinaa) (x3)

qabii qabii qabii kaa
qabii qabii qabii kaa
qabii qabii qabii kaa
qabii qabii qabii kaa

yaadaaf yaaddoo keetiin..
yaadaaf yaaddoo keetiin
halkan ciisa dhabee
waanuma kee yaaduutti
maaf hirriba dhabaa?

kee garaan akkamii
kan koo ammas didee kunoo natti gamaa

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too (x2)

yayyaba wolaabuu maddite
yaa taliila bishaan ganamaa
lixee daakee bahuu dadhabe
danbalii yaada keen raafamaa

raafamaa (x4)

bareedina keessaan
gootummaashee argee
yommuu koraaf baatuu

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

goota sanyii gootaa
gadaamessa abbaakee
yaa sanyii worqituu

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

si daangaan jaalalaa
si daangaan gootummaa
lubbuun koo si feetuu

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

giiftii worra yejjuu
giiftii worra baabbuu
maaliif kankoo hin taatuu

maal naa woyya kuullee too
egaa maalinni falli too

fakkii amadee liiban
tokkicha abbaa waxoo
wolirraa nu diigan
foon tokko naaf atoo
gowwummaan aliimaa
karaa fooddaa haa baatuu
otoo an siif jiruu
ormaaf soddaa hin taatuu
heebanuuf maqdallaan
karabiidhaan sadii
an si fudheen galaa
(koo na wojjiin badii) (x3)



deesseen dasii taatee
magariituun biyyee
dirreetti wol ariituu
fardeenni maariyyee
keessa qaxxaamurree
jalantaan darbinaa
kamiseetti buunee
(sidaamee sirbinaa) (x3)

qabii qabii qabiikaa
qabii qabii qabiikaa
qabii qabii qabiikaa
qabii qabii qabiikaa

 

 

Post a Comment

0 Comments