Ads

Goguu hidhii akkamitti ittisuu dandeenya?

 


 

1. Arrabaan xuuxuu dhiisuu

Hidhii jiisuuf yokaan laaffisuuf jecha harraabuu ykn arrabaan xuuxuun irraa of eeguudha. Hancufni dafee qilleensaan goga, yeroodhaaf kan jiise ykn laaffise nutti fakkaatee, garuu erga hancufni ittiin jiifne sun irraa gogee booda kan duraanii irra baay'ee waan goguufi.

2. Funyaaniin hafuura baafachuu

Yeroo hedduu yoo afuura baafannu funyaaniin afuura baafachuu amaleeffachuu qabna. Kunis afaaniin yoo hargannu ta'e hidhii keenya waan goggogsuufi.

3. Bishaan ga'aa dhuguu

Bishaan ga'aa yoo dhugui baannee hedduu dheebanne, afaan keenya hidhii dabalatee ni goga. Kanaaf osoo hin dheebotiin illee dhuguudha.

4. Dibata hidhii dibachuu

Qilleensa qorraa fi gogaa keessa deemuuf jennu ta'e, ba'uu keenyaan dura dibata cream hidhii eegu, yoo danda'ame keessumaa kan aduu dhorku (sunscreen) dibachuudha. Sana booda kafana qal'oo mormatti maratan (scarf) saniin hidhii keenya qilleensa irtaa haguugnee deemuudha.

5. Wontoota hin barbaachisne fageessuu

Waantoota qaamni keenya akka alagaatti ilaalee lolu (allergens) akka qalamoota garagaraa fi keemikaalota hidhii keenyarraa eeguudha.


Fayyaan Faaya

 

Maxxansichi kan Doktor Gurmeessaati.


Post a Comment

1 Comments