Ads

Flutter maali? Akkamitti eessarraa baruu danda'a?

 

Flutter framework - Al tokkotti/koodii wol fakkaataan applikeeshiniiwwan mobaayila Android, IOS, deeskitooppii fi fuula marsariitii hojjachuuf nu qarqaaruudha. Dhaabbata googiliin kan hojjatame yoo ta'u, bara 2018 keessa gad dhiifame. turtii woggoota 4 keessatti jaalatamummaa guddaa kan horate firemworkiin kun afaan 'Dart' jedhamu kan bara 2011GC dhaabbata googliliin kalaqame fayyadamnee koodii takkaan moosaajii oppereetiingi siistamii lamaaf ta'u hojjachuunii dandeenya. 

 Flutter waan lama uf keessaa qaba. isaanis:

  • SDK : moosaajiiwwan hojjachuuf, 'test' gochuuf, 'render' gochuuf akkasuma wontoota gara garaatiif wontoota nu barbaachisan uf keessaa kan qaba.
  • Framework : wolitti qabaa elementoota UI(user interface) hojjachuuf nu qarqaaran, kanneen 'flutter' wojjiin dhufan uf keessaa qaba.
 

Flutter maaf barbaachise?

1. Barachuufi itti fayyadamuuf salphaadha. 

Karaalee kanaan dura moosaajiin bibilaa ittiin hojjatamaa ture faana yoo woldorgomsiisnu baay'ee salphaadha. haala salphaan moosaajii hojjachuuf afaan kompiitaraa tokko qofa beekuun gahaadha kan jedhan worri 'flutter' ba'aa heddu hir'isaniiru. fakkeenyaaf namni tokko applikeeshinii andirooyidii hojjachuuf afaan java/kotlin fi xml beekuu qaba. kan 'ios' hojjachuuf immoo afaan swift fi kan biroo baruu qaba. kana jechuun namni tokko mosaajii android fi ios hojjachuuf dirqama afaan sadi afur bbeekuu qaba jechuudha. flutter immoo kana hambiseera. haaluma salphaan barannee itti fayyadamuu dandeenya.

2. Saffisaan hojjannee xumuruuf.

Bilbiloota 'android'f  afaan kompiitaraa 'java' jedhamu fayyadamnee gaaf moosaajii hojjannu, wontoota baay'ee ufii keenyaa too'anna. itti gaafatamummaan guddaan nu harka jiraa jechuudha. dogongora xiqqoo wahiif al tokkotti faayiloota 5,6 akka sirreessinu wontoonni nu dirqan jiru. kan bilbiloota 'iphone'llee akkasuma. 'flutter' garuu wontoota hedduu isaa nuuf salphisee jira. 'Flutter'dhaan moosaajii yeroo hojjannu karaa salphaadhaan dafnee xumuruu dandeenya. Koodii moosaajii lamaa: kan android(java/kotlin) fi ios(swift,obj C) tokkoo tokkoo isaa too'achuun nurra hin jiraatu jechuudha.

3. UI(User Interface) ijaaruuf gita hin qabu.

'widgets' heddu flutter wojjiin dhufan waan qabuuf akkasuma kan mataa keenyaa hojjannee itti fayyadamuu waan nu dandeessisuuf UI hojjachuuf kan worra 'native' harka hedduun caala.

4. 'Documentation' fi 'community' gaarii qaba.

marsaawwan kanneen akka flutter.io/docs/, flutterawesome.com/, medium.com/flutter-community/ fa'a waan qabuuf dogongoroota yeroo moosaajii hojjannu uumaman furuuf ni salphata.

4. Fe'uudhaaf salphaadha.

Android studio, VS code, IntelliJ fa'a irratti haaluma salphaan feenee jalqabuu dandeenya.

5. Freelancing dhaaf barbaadamaadha.

Yeroo kana dhaabbanni hedduun namoota lama kan android app hojjatanii fi kan ios app hojjatan adda addatti qacaruu caala namoota flutter'dhaan app lama al tokkotti hojjatan filatu. flutter marsaawwaan kanneen akka

Eessarraa baruu danda'a?

Yeroo kana flutter bakka hunda jira. keessattuu gama yuutuubii kana viidiyoowwan heddu hojjatamaniiru. playlistiiwwan heddutu jira. ani gama koon gara Udemy kana isiniin imaluu fedha. Dr. Angela Yu kan jedhamtu udemy irratti barumsa 'The Complete 2021 Flutter Development Bootcamp with Dart' jedhamuun haala gaariin flutter barsiisti. anis isuma kanan isin gorsa. geessituu kana fayyadamuun buufachuu dandeessu. 

Linkii : https://www.udemy.com/course/flutter-bootcamp-with-dart/

Akkamitti fe'uu danda'a?

Flutter fe'uuf karaa gara garaatu jira. irra caalaan garuu Android Studio erga feenee flutter immoo akka 'add on'tti fe'uun gaariidha. yoo laaptooppiin keessan android studio irratti kan isin rakkisu ta'e Intellij irratti flutter bifa 'add on'tiin feetanii fayyadamuu dandeessu. Yeroo heddu namoonni heddu garuu flutter 'VS code' irratti fe'anii haala salphaan fayyadamu. inni kun namoota flutter irratti hojjataa turaniif gaariidha. garuu namoota gara flutter haaraa dhufaniif android studio fi intellij'n gaariidha.


Post a Comment

2 Comments