Ads

Dandeettii programming akkamitti cimsachuu dandeenya?

Akkam jirtu? har'a waa'ee beekumsa programming keenna akkamitti akka cimsachuun danda'amu irraa xiqqo haasa'uun fedha. Oduu isinitti baay'isuu hin fedhu waan ta'eef kallattimaan gara haasaa kootti seena.

Beekumsa programming tooftaalee gara garaan cimsachuun ni danda'ama. Isaan keessaa malleen gaggaarii muraasni kunooti.

1. GAAFIIWWAN HOJJACHUU :

Afaan sagantaa beektu san daran cimsachuuf malli inni duraa ittiin shaakaluudha. gaafiiwwan kanneen yeroo furtu: malleen gara garaa, algoorizimiiwwan, library fi kanneen biroo heddu barachaa deemta jechuudha. Interneetii irra marsariitiiwwan gara garaa dhimma kanaaf si fayyadan jiru. Isaan keessaa muraasni isaanii kunooti.

KATTIS :

Gara marsaa http://open.kattis.com deemuudhaan akkaawuntii haaraa banadhu. Sana booda search bar irratti 'hello world' barreessitee search yoo goota, gaafii salphaa qabxii 1.x qabu siif fida. Gaaficha afaan sagantaa beektuun erga hojjattee booda 'submit button' tuquun faayilii erguu dandeessa. Yookiin editor waan qabuuf koodii achirratti paste gootee erguu dandeessa. Deebiin kee sirrii yoo ta'e, qabxii siif dabala. sirrii ta'uu baannaan immoo gosa 'error' sitti hima. Marsaan kun gaafiiwwan baay'ee, qabxii 1.x hamma 10.0 qaban heddu qaba.

CODINGAME :

Marsaa codingame.com/multiplayer immoo 'contest' hanga nama 8 hirmaachisuu danda'u uuma. Marsaan kun kutaalee biroos qaba. Gaafiin kutaa kanaa moodii 3 qaba.
1. Reverse mode : moodii ufii keetii xiinxaltee paatarnii inni qabu bartee furtuudha.
2. Fastest mode : moodiin kun wanta hojjachuu qabdu siif hima. Namoota dursitee hojjachuudha galmi moodichaa.
3. Shortest mode : moodiin kun koodii sarara muraasaan hojjachuudha. Yeroo miti kaayyoon isaa. koodii xiqqaa(min. Number of characters) taanaan dhuma galchitus 1ffaa ba'uu dandeessa.

HACKER RANK :

Marsaan hackerrank.com jedhamu kunis 'challenge' gara garaa qaba. Kuni koodii muraasa siif kenna. Kan hafe itti guuttee submit gochuudha.

2. IRRA DEDDEEBIIN BARREESSI

Algoorizimiiwwan akkasuma koodii gara garaa barachaa dhufte irra deddeebiin, yeroo yeroon barreessi. Kuni beekumsi kee akka cimuuf baay'ee si qarqaara.

3. GAAFIIWWAN GAAFADHU

wanta hin beekne haaraa yoo argite, yeroma sana baruuf yaali. Yeroo hin kenniniif. search godhii bal'inaan dubbisii uf barsiisi. stackOverflow fi Github irraa deebii gaafii kee hin dhabdu. Yoo dhabde gaafii kee stackOverflow irratti gaafachuu dandeessa.

4. YOOM EESSATTI CODE HAA GODHU ?

Yeroof bakki itti koodii barreessan murteessaadha. Garuu namarraa namatti gara gara ta'uu danda'a. An gama koon yeroo sammuun koo 'free' ta'etti code gochuun filadha. Keessattuu gara ganamaa. Bakka sagaleen/wocni gara garaa hin jirre yoo ta'e nattola. Kophaa koo taanaan baay'ee nattola. Namoota biroof immoo haala biraa ta'uu danda'a. Atis yoomessa kee adda baafachuun itti fayyadami.

5. KOODII QULQULLUU FI IFA TA'E

Koodiin ati barreessite ifa ta'uu qaba. Har'a koodii wolxaxaa ta'e barreessitee, yeroo muraasa booda deebitee koodii kana gaaf ilaaltu, adda sitti ta'uu mala. haalli filannaa maqootaa(variable, functions, classes, objects...) baay'ee murteessaadha. Maqaa 'descriptive' ta'e filadhu. Kan biroo immoo yeroo kood gootu, akka nama biraaf barreessaa jirtutti yaadi.

6. GAREEN SAGANTEESSUU

Gareen yeroo saganteessinu, wontoota armaan olii kanneen salphumatti furuu dandeenna. Quunceen wolgargaartee... akkuma jedhamu, gareedhaan wontoota ajaa'ibaa heddu hojjachuun ni danda'ama!

Wolumaa galatti, beekumsa programming kee cimsachuun yeroo baay'ee shaakaluu barbaada.

Post a Comment

0 Comments