Ads

Sheek Bakrii Saphaloo fi Qubee Afaan Oromoo

Sheek Bakrii Saphaloo fi Qubee Afaan Oromoo

Sheek Bakrii Saphaloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo, walaleessaa fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatiini.

Jireenya Isaa

Sheek Bakrii Saphaloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphalootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amtee waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan muslima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo tureyyuu barnoota hin qabu ture; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaard fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, haati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheek Umar Aliyyii Balballeettii jalatti barate. Itti aansee Harar deemuun waggaa baay'eef Sheek Yuusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreesse kanuma isaan kana qofaati.
Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara Saphalootti deebi'e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootiin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas Afaan Oromootiin walaloo barreessuu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe. Sheek Bakriin Saphaloo gadi-lakkisee iddoowwan adda addaatti barsiisaa ture. Kana keessaa beekkamaan sadi'i Hortuu , naannoo Dirre Dhawaa , magaalaa Dirre Dhawaa mataasaa fi Addelle, Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaa Hararirratti kan argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masjida isaa jedhamee beekkama. Sheek Bakriin bakka deeme hundatti dubartii naannoo sanaa haadha manaa godhee fuudhaa akka ture dubbatama. Kana keessaa haati manaan isaa 11 ni beekkamu. Haadha manaa isaa sadi'irraa ijoollee 18 qaba ture: dhiira 13 fi durba 5. Haadha manaa baay'ee haa qabaatu malee, Sheek Bakriin seera fuudhaa Musliimaa eegaa ture, si'a tokkottis haadha manaa lamaa ol hin qabu ture; bara dullumasaa keessa ammoo haadha manaa tokko qofa qaba ture. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa barreessaa ture.
Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo Hagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi'e. Kunis qondaaltonni mootummaa Afaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabaatiinuu akka barreeffamuuf gonkumaa kan hin barbaanne waan turaniif hojiisaa iccitiin hojjachuuf ta'uu hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo Harargeetti argateyyuu, qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun
"Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa"
jedhan. Kanarraa ka'uun fayyadama qubee kana ukkaamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaloos Dirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif. Bara 1968tti, torbanitti si'a lama ykn sadi'i Adelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakriin Shaldaa, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta'u garuu jalqabaa qabee amma dhumaatti waa'ee bittaa garbummaa Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga'e fi rakkina sirna Hayilasillaasee jalatti uummata Oromoorra ga'aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphalootti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture.
Bara 1978tti, erga Hayila Sillaaseen aangorraa bu'ee Dargiin aangoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaloo fi haati manaa isaa Goola Diimaa (Red Terror) baqachuun gara Somaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara Moqaadishoo akka deemuuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreeffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara Moqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalli buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfaataa ta'e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du'e.

Hojii Isaa

Sheek Bakriin barreeffama baay'ee amantiirrattii fi amantiin-ala kan barreesse yoo ta'u, kana keessaa muraasa qofatu meeshaalee maxxansaan qophaa'e. barreffamni baay'een harkaan kan barreeffame ture. Barreeffamoonni kun barattoota isaa adda addaa biratti faffaca'anii turan. Hayiwaardi fi Hasan barreeffama inni barreesse keessaa saddeet kan inni Afaan Arabaan barreesse tarreessu, barreeffamoonni kun Moqaadishootti argamuu akka danda'anis eeraniiru. Dirdsa fi al-mantiqa 1-Harariyya jughrafiyyan wa bashariyyan, barreeffama qorannaa hawaasaa (geography) fi dimoograafii naannoo Harari fi kan fuula 200 qabu; barreeffama seenaa lama Janaza shamarikh min hadayiz al-tawarikh kan fuula 95 qabu, Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh, kitaaba seenaa Oromoo kan fuula 56 qabu; barreeffama amantii sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya , Muqaddamat taysir al-zari'a (fuula 48 qaba), fi Taysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame.
Muhammad Hasan yeroo kitaaba The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baay'ee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse
"seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba".
Mahaammad wa'ee sirna Gadaa yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e.

Yaadannoo Isaa

Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaa Oromoo beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti,
"Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kan dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afaan isaanitiin barreesseen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalala Oromoo argate."
Hojiin Sheek Bakrii Saphaloo inni guddaan qubee Afaan Oromoof ta'u uumuu isaati. Afaan Oromoo sirna barreeffamaa adda addaa lamaan barreeffamaa kan ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaan isaanii ni beeka ture. innis Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii. Sirni barreeffamaa afaan lamaanuu kan Afaan Oromoo barreessuuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokko Afaan Oromoo dubbachiiftuu 10 kan qabu yoo ta'u Afaan Amaaraa garuu dubbachiiftuu torba qofa qabaachuu isaati. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) kan hin baratin ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirni barreeffamaa inni uume garuu irra caalaansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a.




Horaa bulaa !!!

Post a Comment

0 Comments